Hongee naannoo Oromiyaa fi Somaalee muudaate dandamachuuf boollawwan bishaanii gadi fagoon qotamaa jiru

Finfinnee, Amajjii 5, 2014 (FBC) – Hongee naannoo Oromiyaa fi Somaalee muudaate dandamachuuf hojiin boollawwan bishaanii gadi fagoo qotuu gaggaaffamaa jiraachuu Ministeerri Bishaanii fi Inarjii beeksiise.

Qotiinsa boollawwan kanneenii yeroo gabaabaa keessaatti xumuruuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Ministirri Ministeera Bishaanii fi Inarjii Dooktar Injiinar Haabtaamuu Ittafaan ibsaniiru.

Hongeen naannolee lamaatti muudate Beelladarra miidhaa qaqqabsiisuu ibsaniiru.

Keessattuu Boorana, Gujii, Baalee, Harargee Bahaa fi Lixaa akkasumas naannoo Somaaleetti hongee muudateen hawaasni godinaalee kanneenii rakkoof saaxilamuu himaniiru.

Lammiileen kumni dhibbi 7 wayita Roobaa Baaxii isaanirraa Bishaan akka Kuufatan Proojektiin qophaa’ee gara hojiitti galuu ibsaniiru.

Maddi:- TOI

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment