Finfinnee, Bitootessa 1, 2015 (FBC) – Hongee godinaalee Gammoojjiitti irra deddeebiin mudatu ittisuuf Pirojektoonni garaagaraa Birrii biiliyoona 30 hojjetamaa jiraachuu bulchiinsi mootummaa naannoo Oromiyaa beeksise.
Naannoo Oromiyaatti namoota sababa hongeen rakkoof saaxilaman damdamachiisuuf deeggarsi namoomaa cimee itti fufuu Biiroon Kominikeeshinii Oromiyaa ibsa miidiyaaleef lateen himeera.
Naannoo Oromiyaa bara 2015 Godinaalee 10 keessatti sababa hongee uumameen namoonni miiliyoonni.3.6 ta’an rakkoof kan saaxilaman ta’uu ibseera.
Uummata rakkoof saaxilame damdamachiisuuf hojiiwwan deeggarsa hatattamaa fi rakkinicha bifa waaraa ta’een furuuf xiyyeeffannoo olaanaan hojjetamaa jiraachuu Hogganaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa Obbo Hayiluu Addunyaan eeraniiru.
Haaluma kanaan, bara kana lammiilee rakkoof saaxilamaniif Mootummaa Federaalaa, Mootummaa Naannoo, Hirmaannaa uummataafi Dhaabbilee mit-mootummaatiin deeggarsi midhaan gosa adda addaa kuntaalli miiliyoona 2.1 ol ta’u taasifameera.
Gama biraan Mootummaa Federaalaa fi Dhaabbilee mit-mootummaatiin waliigalatti deeggarsi maallaqa callaa Birrii biiliyoona 1.1 ol ta’u taasifamuun danda’amee jira.
Dabalataan miidhaa beeyladoota irra ga’uu malu hir’isuuf dhiyeessiin bishaaniifi nyaata beelyadaa taasifamaa kan ture yoo ta’u kanaanis Bootteewwan bishaanii 101 Godinaalee 10 keessatti bishaan raabsuu irratti kan argaman yoo ta’u kana keessaa Bootteen 37 Godina Booranaa keessatti bishaan dhiyeessuu irratti argama.
Akkasumas, nyaata beeyladaa marga Beeliin kumni dhibbi 2 fi kumni 48 fi 045 dhiyeessuun danda’amuu eeraniiru.
Haaluma walfakkaatuun, miidhaa beeyladoota irra ga’uu malu ittisuuf hojiin beeyladoota gara Godinoota ollaatti sochoosuun damdamachiisuu hojjetamaa jira.
Bifuma walfakkaatuun hongeen uumame hammaataa deemuun uummanniifi beeyladoonni miidhaaf saaxilaman dabalaa waan dhufeef waamicha birmannaa uummataaf taasiseen deeggarsa maallaqaafi akaakuu Birrii miiliyoonni dhibbi 8 fi miiliyoonni 50 olitti tilmaamamu karaa Buusaa Gonofaa walitti qabamuu dubbataniiru.
#Oromiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.