Hongee Godina Booranaatti muudateen hanga ammaatti Beelladoonni kumni 33 ol du’uu ibsame

Finfinnee, Onkololeessa 24, 2014 (FBC) – Godina Booranaatti hongee muudateen hanga ammaatti Beelladoonni kumni 33 du’uu fi kumni 64 ol immoo harka namaan kaafamaa jiraachuu Waajjirri Hoggansa Sodaa Balaa Godina Booranaa Beeksise.
Aanaalee Godina Jimmaa ,Yuunvarsitiin Jimmaa, Hawaasni Godina Iluu Abbaa Boor , Yuuniyeeniin Soor Gabbaa, Yuunvarsiitiin Mattuu, fi dhaabbileen garaagaraa Miidhan nyaata namaa fi nyaata Beelladaa deeggarsaan gumaachaniiru jedhame.
Dhaabbanni HAKICON Injineringiis Hawaasa horsiifatee bulaa Booranaaf Marga Beelladaa Hidhaa 900 bitee deeggarsa taasisuu himameera.
Bulchaan Godina Booranaa obbo Abdisalaam Waariyoo Aadaan walgargaarsaa jalqabame kuni cimuu akka qabu dhaamaniiru.
Qaamolee deeggarsa taasiisan hunda galateeffachuu OBN gabaaseera.
Naannoo keessaan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment