Hongee dandamachuuf proojektii bu’uuraalee misooma bishaanii babal’isuu barbaachisa- Hoggantoota Biirolee Bishaanii fi Inarjii naannolee

Finfinnee, Muddee 11, 2014 (FBC)- Hongee dandamachuu fi bu’uuraalee misoomaa bishaanii garee shororkeessaa ABUTiin barbadaa’an deebisanii ijaaruuf  proojektii bu’uuraalee misooma bishaanii babal’isuun barbaachisaa ta’uu hoggantoonni Biirolee Bishaanii fi Inarjii naannolee Amaaraa fi Oromiyaa ibsan.

Gaaffiin bishaan dhugaatii kan yeroon itti kennamu akka hin taanee fi miidhaan bu’uuraalee misoomaa bishaanii naannolee Amaaraa fi Afaaritti qaqqabe naannoo Oromiyaattis dhiibbaa uumuu hoggantuun Biiroo Bishaanii fi Inarjii Oromiyaa Injinar Miiliyoon Baqqalaa ibsaniiru.

Hojiiwwan lubbuu baraaruu dhaabbata Yuuniiseef fi kanneen biroo waliin qindoominaan hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.

Proojektiiwwan bishaanii eegalaman yeroo karoorfametti akka xumuramaniif hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Laggeen hedduun Oromiyaa keessatti kan argaman ta’uu ibsuun laggeen kanneen bishaan dhugaatiirra darbee hojii jallisiif akka oolaniif hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Hogganaan Biiroo Bishaanii fi Inarjii naannoo Amaaraa Dooktar Maamaaruu Ayyaaleew gamasaaniin, gareen shororkeessaa ABUT naannichatti bu’uuraalee misoomaa bishaanii saamuu fi hawaasa rakkoo hanqina bishaan dhugaatiif saaxiluu ibsaniiru.

Meeshaaleen jijjiiraa bu’uuraalee misoomaa kanneen suphuuf oolan alaa kan galan ta’uun qorumsa biraa ta’uu hoggantoonni kunneen kaasaniiru.

Dhaabbilee barbadaa’an fi lammiilee qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’an deebisanii dhaabuuf Mootummaa qofa osoo hin taane dhaabbileen miti mootummaa, Ityoophiyaanonnii fi michuuwwan ishee deeggarsa barbaachisu taasisuu akka qaban yaadachiisaniiru.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment