Holqi dheeraan baala sammuu adoochu daddabarsuuf tajaajilaa ture argame

Finfinnee, Amajjii 21, 2012 (FBC) –  Holqi dheeraan baala sammuu adoochu daddabarsuuf tajaajilaa ture daangaa Ameerikaa fi Meeksikoo irratti argamu ibsame.

Daangaa Ameerikaa fi Meeksikoo irratti Holqi baala sammuu adoochu daddabarsuuf tajaajilaa ture Meetira kuma 1 fi 313 dheeratu argamuu isaa  aanga’oonni Ameerikaa ifoomsan.

Holqi kun holqa hanga ammaatti mul’atee hin beekne isa dheeraa, daandii baaburaa, boo’ii balfa dhabamsiisuu, meeshaa hoo’ina to’atu fi sarara ibsaa kan qabu ta’uu ibsameera.

Holqich magaalaa Meeksikoo Tiijuunaa fi Kaaliifoorniiyaa naannoo Saandiiyaagoo walqunnamsiisa jedhameera.

Holqa kana keessaa hanga ammaatti baalli sammuu adoochuu fi namni argame hin jiru jedhame.

Aangoonni Ameerikaa garuu gareen dhaabbata daddabarsa baala sammuu adoochaa Meeksikoo Siinaaloowaa toora sanatti socho’aa turuu isaanii dubbataniiru.

Qorattoonni Amerikaa haala waliigalaa fi qabiyyee holqichaa guyyaa kaleessaa ifoomsaniiru.

Holqichi meetira 21 gadi fageenya kan qabu yoo ta’u seentii meetira 61 bal’ina qaba jedhame.

Dhuma holqichaa ga’uuf yeroo hagamii akka fudhatu hanga ammaatti hin beekkamne jedhameera.

Maddi:-The Guardian

 

 

 

 

Comments (0)
Add Comment