Hokkara magaalaa Hararitti uumameen walqabatee shakkamtoonni 87 to’ataman

Finfinnee, Amajjii 18, 2012 (FBC) – Magaalaa Hararitti waqtii ayyaana Cuuphaa hokkara uumameen walqabatee shakkamtoonni 87 to’annoo jala oolaniiru.

Hogganaan Biiroo Nageenya mootummaa naannoo Hararii obbo Naasir Yuuyyaa ibsa laataniin rakkoo nageenyaa torbee darbe uumameen lubbuu namaa fi qabeenyaarra miidhaan ga’uu himaniiru.

Rakkinicha kan uumaan qaamolee kaayyoo siyaasa dhokataa qabanidha jedhaniiru.

Rakkina uumameen lubbuun namaa 1 yoo darbu namoota 7 irra miidhaan qaqqabuu ragaan waajjira dhimmoota kominikeeshinii mootummaa naannoo Harariirra arganne ni muldhisa.

Dabalataniisa gamoowwan 11 irraa fuullewwanii fi meeshaaleen yoo caccabu gamoo 2, konkolaataan 2 fi konkolaattoota Bajaajii abba miila sadii 4 ibiddaan gubachuu himaniiru.

Sochii mootumman naannichaa olaantummaa seeraa kabachiisuu fi nageenya lammiilee eegsisuuf taasiseen shakkamtoota 87 to’annoo jala yoo oolchu kanneen keessa shakkamtoonni 63 dhimmi isaani mana murtiin ilaalamaa jiraachuu hoggantichi hubachiisaniiru.

Waqti ammaa kana nageenyi bu’uu kan kaasaan hoggantichi,  abbooti gadaa, jaarsolii biyyaa, abbootii amantaa, dargaggoota waliin mari’achuun hojiin nageenya naannichaa eeguu hojjetama jira jedhaniiru.

 

 

Comments (0)
Add Comment