Finfinnee, Fulbaana 23, 2017 (FBC)- Fooyyessiin diinagdee man-dhalee qixa karoorfameen guddina biyyaalessaa mirkaneessuuf hojmaata damee loojisitiksii fi geejjiba baaburaa hojmaata sadarkaa addunyaatti guddisuun murteessaa ta’uun ibsame.
Riifoormiin damee geejjiba baaburaa fi loojistiksiirratti xiyyeeffate Finfinneetti gaggeeffamaa jira.
Waltajjii marichaarratti Ministirri Ministeeraa Geejjibaa fi Loojisitiksii Dooktar Alamuu Simee, Ministiri Deetaa Ministeera Maallaqaa Samaariittaa Sawaasawu, bakka bu’ootaa dhaabbilee idil addunyaa fi qondaaltonni biroon argamaniiru.
Dooktar Alamuun akka jedhanitti, fooyyessii diinagdee man-dhalee qixa karoorfameen hojiirra oolchuun guddina biyyaalessaa mirkaneessuu fi hojmaataa damee loojistiksii fi geejjiba baaburaa sadarkaa addunyaatti guddisuun akka barbaachisu dubbataniiru.
Waltajjicharratti hirmaannaa qaamolee dhimmichi ilaaltuu fi seektara loojistiksii fi geejjiba baaburaa ilaalchisee qorannoon gaggeeffame dhiyaachuun irratti mari’atamaa jira.
Leeykun Alamtu gabaase.
#Oromia #Ethiopia