Hojjettoota vaayrasii koroonaan miidhamaniif kan oolu deeggarsi Doolaar miiliyoona 4.5 ifoome

Finfinnee, Amajjii 27, 2013 (FBC) – Hojjettoota damee uffataalee sababa weerara vaayrasii koroonaan miidhaman deeggaruuf proojektiin Doolaara miiliyoona 4.5 ifoomuu himameera.
Deeggarsichi Ministeerri dhimma Hojjetaa fi hawaasummaa dhaabbata hojii idil addunyaa waliin ta’uun hojjettoota Interpiraayzii damee uffataalee keessa hojjetan sababa weerara vaayrasii koroonaan miidhaman utubuuf kan ifoomsaan ta’uu ibsameera.
Maallaqichi Ministeera Tumsaa fi Misooma Diinagdee mootummaa Jarmanirraa kan argame ta’uus himameera.
Deeggarsichi lammiileen qaala’iinsa hawaasummaaf akka hin saaxilamne taasiisuuf gumaacha olaanaa qabaachuu Ministirri Ministeera Dhimma Hojjetaa fi Hawaasummaa Dooktar Ergoogee Tasfaayeen ibsaniiru.
Imbaasii Jarmanitti itti aanaa itti gaafatamaan Misoomaa fi Tumsaa Kiriistoofar Weeygeelameeyar gama isaaniin deeggarsichi hariiroo biyyoota lamaanii kun cimsuu ta’uu dubbataniiru.
Akkasumas dhiibbaa weerarichi Interpiraayzootarraan ga’u ittisuuf ga’ee qabaachuu himaniiru.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna!
Comments (0)
Add Comment