Hojjettoota ministeera galiiwwanii fi dhaabbilee itti waamama raawwii gaarii galmeessaniif beekamtii fi badhaasni laatame

Finfinnee, Onkololeessaa 14, 2013 (FBC)-Sirni beekamtii fi badhaasicha baajata bara darbeetin hoggantootaa fi hojjettoota gaaliwwanii Birrii biiliyoona dhibba 2 fi biiliyoona 33.7 akka argamuu taasisaniif laatameera.

Itti aanaan Muummee Ministiraa FDRI obbo Dammaqaa Makkoonniin hoggantootaa fi hojjettoota kanneeniif badhaasaa fi beekamtii laataniiru.

Badhaasnii fi beekamtiin har’a laatamees hojjettoonnii fi hoggantoonni badhaasa argatan bara baajata qabameetti cimanii akka hojjeetaniif ta’uu ibsameera.

Ministeerichi kurmaana jalqabaatti Birrii biiliyoona dhibba 6 fi biiliyoona 3.3 walitti qabuu beeksiseera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

Comments (0)
Add Comment