Hojjettoota Itiyoo Teelekoom yakka raawwatan to’ataman

Finfinnee, Hagayya 19, 2015 (FBC)-Hojjettoota Itiyoo Telekoom baatirii waliingahiinsa neetiwoorkiif tajaajilu hatan jedhamanii fi yakkicha keessatti kanneen hirmaatan to’annoo jala oolfaman.

Yakkichi kan raawwatame Finfinnee Kutaa Magaalaa Eekkaatti ta’uu ragaan poolisii Magaalaa Finfinneerraa argame ni mul’isa.

Dhaabbaticha keessatti Ogeeyyii guyyaa tajaajila suphaa fi konkolaachistoonni eejensiiwwaniin miindeeffamuun tajaajilan saanduqoota neetiwoorkii bakkoota garaagaraa dhaabaman keessaa baatirii waliingahiinsa neetiwoorkiif tajaajilu 11 fudhachuun ibsameera.

Eeruu dhaabbaticharra kenname bu’uureffachuun poolisiin hordoffii barbaachisaa taasisuun yakkicha raawwachuun kanneen shakkaman to’achuun akka danda’ame ibsameera.

Qabeenyaalee hataman bakka gurguramanii akka deebifaman taasifamuu akkasuma namoota lama qabeenyichaa bitan jedhama to’atamuun qorannoon gaggeeffamaa jira jedhameera.

Konkolaataan Itiyoo Teelekoom kiraan kan itti tajaajilamuu fi qabeenyaaleen hataman fe’es to’atannoo jala oolfameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment