Hoggantoonnii fi hojjettoonni Biiroo Qonnaa fi Qabeenya Uumama Oromiyaa naannoo Hara Dandiitti biqiltuu dhaabaan

Finfinnee, Hagayya 22, 2013(FBC)- Hoggantoonnii fi hojjettoonni Biiroo Qonnaa fi Qabeenya Uumama Oromiyaa jiraattoota Godina Shawaa Lixaa aanaa Dandii waliin ta’uun nannawaa harichaatti biqiltuu dhaabaaniiru.

Sagantaa Ashaaraa magariisaa Oromiyaa haa uwiifnutiin hojjetoonnii fi hoggantoonni Biirichaa har’aa naannoo qarqara hara Dandiitti biqiltuu dhaabaniiru.

Hirmaattoonni sagantichaas itti fuufinsa qabeenya bishaanii Hara Dandii mirkanessuuf naannawaa harichaatti biqiltuu dhaabuun Ashaaraa keenya ka’achuu kenyaatti baayyee gammadnerraa jedhan.

Biqiltuun dhaabnee hanga laliisuutti kunuunsa barbaachisuus ni   taasiisna jedhaniiru.

Haroon daandii proojektoota misoomaa akka biyyaatti miisoomsuun madda hawata turiizimiif akka oluu hojjetamaa jiru yoo ta’uu , qabeeny bishaanii harichaa miidhagina isa eeggatee akka jiraatuufi dhiqama biyyootiif akka hin saaxilamnee ittisuuf biqiltuu dhaabuun fayyidaa gudda akka qabu kan himan.

Qindeessaan  waajjirra proojeektii Haroo Dandii Wancii Obbo Dhaabaa Jinfeessaan sagantaa Asharaa Magariisaa bara kanaan hanga ammaatti gosti biqiltuu biyya keessaa  Ejersa , Heexoo fi Gaatiiraa dabalatee biqiltuu  gosa torba Kumni 40 ol naannawaa harichaatti dhaabamuu himaniiru.

Kun immoo qulqullinaa fi itti fufiinsa harichaaf gummaacha olaanaa qaba jedhan.

Hogganaan Itti aanaa Biiroo Qonnaa fi qabeenya Umamaa Oromiyaa Obbo Indalkaachaw Tafarii gama isaaniitiin, Harri dandii iddoo hawata turiizimii lafa ol ka’aafi uwwisa bosonaan hin marfamnee irratti biqiltuu dhaabuun eegumsa harichafis ta’ee kunuunsa naannoof faayidaan qabu guddaadha jedhaniiru.

Guyyaa har’aas hojjatootniifi Hoggantoonni biirichaa hawaasa naanawa harichaa waliin ta’uun biqiltuu gosa garagaraa kuma 2000 dhaabu himan.

Hawaasnii naannichaas biqiltuu dhaabamee beeyladarraa ittisuufi kunuunsa barbaachisuu hunda taasiisuun akka tumsan ibsuun; Hojii naanawwa hara  Dandii misoomsuu eggalameetti gammadu isaanii FBC’tti himaniiru.

Muluu Waaqshuumeetu gabaase.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment