Hojjettoonnii fi hoggantoonni kutaa magaalaa Qiirqoos Raayyaa Ittisaaf deeggarsa taasiisan

Finfinnee, Muddee 3, 2014 (FBC) – Hojjettoonnii fi hoggantoonni kutaa magaalaa Qiirqoos Hospitaala Ispeeshaalaayizdii Kompireeheensiivii Raayyaa Ittisaa Raayyaa Bishooftuutti argamuun miseensota Raayyaa Ittisaaf deeggarsa garaagaraa taasiisaniiru.

Meeshaalee yaala Fayyaa, gosoota nyaataa adda addaa fi sangoota deeggarsaan laataniiru.

Kutaan magaalichaa kana duras adda waraanaa garaagaraatti argamuun Raayyaa Ittisaa fi qaamolee nageenyaaf deeggarsa taasiisaa turuu ragaan Waajjira Seekreetariyaat Preesii magaalaa Finfinneerraa argame ni muul’isa.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment