Finfinnee, Bitootessa 2, 2016 (FBC) – Hojjettoonni duraanii Waajjira Lafaa Kutaa Magaalaa Lammii kuraa 3 yakka malaammaltummaa cimaan himataman mana amala sirreessaa galanii dhimma isaanii akka hordofan Manni Murtii ajaja dabarseera.
Manni Murtii Olaanaa Federaalaa dhaddachi ramaddii yakkaa 3ffaa Lidaataa ogeeyyii Qindeessaa damee qophii fi darbasa lafaa fi Waliigaltee Liizii Waajjira Lafaa Kutaa Magaalaa Lammii kuraa kan turan 3 mana amala sirreessaa galanii dhimma isaanii akka hordofan Ajaja dabarseera.
Ogeeyyiin kunneen faayidaa isaaniif hin malle argachuuf jecha yakka malaammaltummaa cimaa waayita raawwatan harkaaf harkatti to’atamuu isaanii hordofee yakka cimaan himatamaniiru jedhame.
Manni murticha dhaddacha har’a ooleen yaada ijoo Abbaan Alangaa dhiyeesse erga dhaggeeffatee booda mormii himatamtoonni dhiyeessan kuffiseera.
Himatamtoonni yakka kana hin raawwanne jechuun waakkachuu eerameera.
Kana hordofee Abbaan Alangaa ragaan akka dhaggeeffatamuuf gaafateera.
Manni murtichaas ragaa abbaa alangaa dhaggeeffachuu fi ragaa baatoonni akka dhiyaatan ajajuun jecha isaanii fudhachuuf Bitootessa 19, 2016tti beellameera.
Himatamtoonnis mana amala sirreessaa turanii dhimma isaanii akka hordofan ajaja dabarseera.
Taarik Addunyaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia