Hojjettoonni waldaalee hojii shammattootaa Shukkaara uummataaf qoodamu faayidaa mataasaaniif oolchuuf yaalan to’ataman

Finfinnee, Bitootessa 17, 2014 (FBC) – Hojjettoonni waldaalee hojii shammattootaa Shukkaara uummataaf qoodamu faayidaa mataasaaniif oolchuuf yaalan to’atamuu poolisiin magaalaa Finfinnee beeksise.

Kutaa magaalaa Eekkaatti itti gaafatamummaa itti laatame haalaan ba’achuu dhabuun shukkaara uummataaf akka qoodamu dhufe ga’ee daldaltoota seera qabeessaaf ba’u fakkeesuun faayidaa mataasaaniif oolchuuf osoo yaalanuu to’annaa jala ooluu ibsameera.

Kutaa magaalichaa aanaa 8tti hogganaa gurgurtaa waldaa hojii shammattootaa lakkoofsa 7  dabalatee qabduu maallaqaa, hogganaa man-kuusaa fi hojjettoonni biroo 5 yakkichaan shakkamuu ibsameera.

Shakkamtoonni kunneen eeruu hawaasni poolisiif laateen shukkaara kuntaala 15 konkolaataarratti osoo fe’anuu to’annaa jala   ooluu qajeelchi poolisii kutaa magaalichaa beeksiseera.

Ityoophiyaa :-  Haa Misoomsinu,  Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment