Hojjettoonni waajjira Muummee Ministiraa ‘Irbaata Biyyaaf’ miindaa isaanii baatii tokko arjooman

Finfinnee, Hagayyaa 13, 2012 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad hojjettoonni waajjira isaanii ‘Irbaata Biyyaaf’ miindaa isaanii baatii tokko arjoomuu ibsan.
 
Dooktar Abiy sagantaan ‘Irbaata Biyyaaf’ kan hunda keenyaati jedhan.
 
Miiltoowwankoo hojjettoonni Waajjira Muummee Ministiraa karoora biyyaalessaa kanaaf akka oolu mindaasaanii ji’a tokko gumaachuudhaan waan nawaliin dhaabataniif gammachuun natti dhaga’ameera jedhan Fuula Feesbuukii isaaniin.
 
Hojjettoonni Waajirichaa hundi mataa mataatti ashaaraasaanii keewwataa jiru jedhan.
 
Ummanni Ityoophiyaa fi deeggartoonni ishees ashaaraa isaanii ni kaawwatu jedheen abdadha jedhan.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment