Hojjettoonni Waajjira Muummee Ministeeraa fi Paarkii Tokkummaa hojii tola ooltummaa gannaaf dhiiga arjooman

Finfinnee, Adoolessa 1, 2014 (FBC) – Hojjettoonni Waajjira Muummee Ministeeraa fi Paarkii Tokkummaa hojii tola ooltummaa gannaaf dhiiga arjoomaniiru.

Sagantaa dhiiga arjoomuu kanarratti hoggantoonnii fi hojjettoonni waajjirichaa hirmaataniiru.

Hojjettoonni waajjirichaa hojii tola ooltummaa gannaan dhiiga arjoomuun, manneen namoota harka qalleeyyii haaromsuu fi biqiltuu Ashaaraa Magariisaa dhaabuurratti kan hirmaatan ta’uu Hogganan Waajjira Muummee Ministeeraa fi Ministirri Dhimmoota Kaabinee Tafarii Fiqreen ibsaniiru.

Hojii tola ooltummaa gannaan tokkoon tokkoo hojjetaa biqiltuu 100 ni dhaaba jedhaniiru.

Alaazaar Taaddalaatu gabaase.

Waajjirichi dhaabbilee itti waamamoo waliin ta’uu manneen namoota harka qalleeyyii 35 kan haaromsu ta’uu eeraniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment