Hojjettoonni mootummaa yeroo kenname keessaatti qabeenya isaanii hin galmeessine ni gaafatamuu jedhame

Finfinnee, Amajjii 21, 2013 (FBC) – Hojjettoonni mootummaa dhaabbilee garaagaraa keessa hojjetan yeroo kenname keessaatti qabeenya isaanii hin galmeessine kan gaafataman ta’uu Komishiniin Farra Malaamaltummaa fi Namuusa Gaarii Federaalaa beeksise.
jedhame

Komishinichi manneen hojii mootummaa federaalaa,dhaabbileen misoomaa, Yuuvarsiitiwwanii fi Koolleejjoonni mootummaa Federaalaa jalatti bulan, akkasumas bulchiinsa magaaloota Finfinnee fi dirree dawaa 197 ta’an yeroo laatameef keessatti qabeenya isaanii galmeessanii kan hin xumurre ta’uu beeksiseera.

Haaluma kanaan hojjettoonni mootummaa manneen hojii mootummaa federaalaa,dhaabbilee misoomaa, Yuuvarsiitiwwanii fi Koolleejjoonni mootummaa Federaalaa jalatti bulan 109,bulchiinsa magaalaa Finfinnee 60 fi dirree dawaa 28 guutumaan guutuutti kanneen qabeenya isaanii hin galmeessine ta’uu ibsameera.

Hojjettootaa fi itti gaafatamtoota qabeenya isaan hin galmeessine kanneenirratti haalduree tokko malee tarkaanfiin bulchiinsaa fi seeraa kan fudhatamu ta’uu komishinichi hubachiiseera.

Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;

Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.

Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa

Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.!

Comments (0)
Add Comment