Finfinnee, Sadaasa 26, 2014 (FBC) – Godina Harargee Lixaa Aanaa Doobbaatti Hojjattoonni mootummaa aanichaa duula “No More” gaggeessuun Raayyaa Ittisa Biyyaaf deeggarsa Birrii miiliyoona 5 taasisaniiru.
Hojjattoonni mootummaa aanichaa osoo Muummeen Ministeeraa Abiy Ahimad adda waraanaa jiruu hamilee ittiin asi teenyuu hin qabnu jechuun sagantaa “No more” jedhu qindeessuun sagalee tokkoon giddu seentummaa biyyoota lixaa balaaleefataniiru.
Yeroo qormaanni diinootaa alaa fi keessaan imala badhaadhinaa biyyi keenya eegalte gufachiisuu fi injifannoo amma arganne nu harkaa baasuuf socho’aa jiran kanatti nuti biyya keenyaaf ni jira jechuun hayyoonni aanaa Doobbaa sagantaa eebbifamaa kana qopheessuu keessaniif hojii boonsaa fi irraa baratamuu qabu jedhan Itti gaafatamaan Waajjira Dhimmoota Kominikeeshinii Godina Harargee Lixaa obbo Xahaa Ahimad.
Bulchaan Aanaa Doobbaa obboo Mikaa’il Ahimad gama isaaniin akkaataa qaama birootiif fakkeenya ta’utti sagantaa deeggarsaa fi no more qindeessuun aantummaa agarsiiftaniif hedduu nu boonsitaniirtu jedhaniiru.
Hojjattoonni mootummaa aanichaas lukkuu hanga lubbuutti Raayyaa Ittisaa cinaa dhaabbachuuf ejjannoo qabaachuu ibsuu ragaan Waajjira Dhimmoota Kominikeeshinii mootummaa godinichaarraa argame ni muul’isa
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.