Finfinnee, Muddee 26, 2014 (FBC)- Hojjettoonni komishinii poolisii naannoo Hararii meeshaalee kontiroobaandii daddabarsaa turan to’anna jala oolaniiru.
Komiishanarri Komiishinii Poolisii naannichaa akka ibsanitti, hojjettoonni kunneen hojii yakka raawwachuuf Ambulaansii balaasa tasaa fi ibiddaa komishinichaa fayyadamaa turan jedhaniiru.
Sakattoo taasifameen Ambulaansittiin meeshaalee kontiroobaandii hedduu fe’uun socho’aa wayita turteetti oolla naannichaa Oromiyaa magaalaa Awwadaayitti to’annaa jala ooluu ibsaniiru.
Konkolaachisaan Ambulaansicha yeroof miliquus to’annaa jala oolchuuf hojjetamaa jiraachuu himuu ragaan Kominikeeshinii naannichaarra argamee ni muul’dhisa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.