Hojjettoonni Ejansii Traanisfoormeeshinii Qonnaa Ityoophiyaa Aanaa Lumeetti biqiltuu dhaaban

Finfinnee, Adooleessa 2, 2013 (FBC) – Hojjettoonni Ejansii Traanisfoormeeshinii Qonnaa Ityoophiyaa godina Shawaa Bahaa Aanaa Lumeetti guyyaa har’aa biqiltuu kuma 4 dhaabaniiru.
Hojjatoonni Ejansii Traanisfoormeeshinii qonnaa feederaalaa, Oromiyaa fi qonnaan bultoonni godina Shawaa Bahaa Aannaa Lumee sagantaa dhaabbii biqiltuu kanarratti hirmaataniiru.
Sagantaan Dhaabbii biqiltuu Avookaadooo kun mata duree ‘Ityoophiyaa haa uuwisnu wabii nyaataa yaa mirkaneessinu’ jedhuun gaggeeffameera.
Dhaabbiin biqiltuu Avookaadooo kun Kilaasteraan kan raawwatame yoo ta’uu, wabii nyaataa mirkaneessun qonnaan bultoota fayyadamoo taasiisuuf ta’uu himameera.
Oomisha Avookaadoo gabaa alaaf dhiyeessuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu Biiroo Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Oromiyaatti ittii aanaa hogganaan damee bunaa fi muduraalee obbo Mahaammad Saaniin dubataniiru.

Godina Shawaa Bahaatti Biqiltuu sanyii filatamaa Avookaadoo lafa hektaara 300 irratti misoomsuuf hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

 

Amartii Tasfaayeetu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment