Hojjettoonni Biiroo Galiiwwanii Matta’aa Birrii miiliyoona 10 fudhatan to’ataman

Finfinnee, Fulbaana 8, 2017 (FBC) –Hanga Gibiraa Dhaabbileef hir’isuun hojjettoonni Biiroo Galiiwwanii Magaalaa Finfinnee Matta’aa Birrii miiliyoona 10 fudhatan to’atamaniiru.

Ooditaroonni Olaanoon, Maallaqa fuutoonnii fi dursitoonni garee to’annoo jala ooluu ibsameera.

Hojjettoonni kunneen Gibira kaffalamuu qabu Birrii miiliyoona 100 gara Birrii miiliyoona 13tti gadi hir’isuun Matta’aa Birrii miiliyoona 10 fudhachuun shakkamanii 6 to’annoo jala ooluu himameera.

Komishiniin Namuusaa fi Farra malaammaltummaa, Biiroon Haqaa, Komishiniin Poolisii magaalaa Finfinnee fi Ministeerri Haqaa hordoffii qindoomaa taasisaa turaniin Fuulbaan 6, 2017 eegalee namoota dhuunfaa kanneen to’annoo jala oolchuu ibsameera.

Shakkamtoonni to’annoo jala ooluun qorannoon irratti gaggeeffamaa jiraachuu himameera.

Taarik Addunyaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment