Finfinnee, Hagayya 6, 2013 (FBC) – Hojjettoonni Biiroo Barnootaa Oromiyaa mindaa ji’a tokkoo Raayyaa Ittisa Biyyaatiif kennuuf murteessuu isaanii Biiroon Barnootaa Oromiyaa beeksise.
Ityoophiyaa ergamtoota irraa baraaruuf duuluufillee qophii ta’uu himaniiru.
Waltajjii kaleessa gaggeesseen hojjettoonni Biiroo Barnootaa Oromiyaa tumsa nurraa eegamu hunda ni goona jedhaniiru.
Weerara Ityoophiyaa irratti aggaamame qolachuuf lammii hundi “Ityoophiyaa baraaruuf nan duula! Eessattuu, Yoomiyyuu, Waan hundaan!” ergaa jedhu jalatti sochii keessa akka jiru ni beekama.
Hojjeettoonni Biiroo Barnootaa Oromiyaa hundi miindaa isaanii ji’a tokkoo guutuu Raayyaa Ittisaaf laataniiru.
Akkasumas dhiiga arjoomuu fi dubartootni 78 ammoo galaa qopheessuuf murteessuun hojitti galaniiru jedhame.
Ityoophiyaan wayita weeraramtu teenyee hin ilaallu jechuun hojjeetoonni qaamaan Raayyaa Ittisa Biyyaatti makamne ga’ee lammummaa ni baana jechuun waadaa galuu ragaan Biiroon Barnootaa Oromiyaarra argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.