Hojjetaan Baankii lakkoofsa iccitii waahillan isaan Birrii miiliyoona 7.3 dabarse himatame

Finfinnee, Onkololeessa 18, 2015 (FBC) – Hojjetaa Baankii lakkoofsa iccitii waahillan hojii isaa fayyadamuun Birrii miiliyoona 7.3 ol nama dhuunfaa biraatti dabarse irratti himanni banameera.

Hojjetaa Baankii Abiisiiniyaa lakkoofsa iccitii waahillan hojii isaa fayyadamuun eeyyama isaaniin ala Lakkoofsa Herreega Baankii maamiltoota lamarraa Birrii miiliyoona 7.3 ol nama dhuunfaa biraatti dabarse irratti Ministeera Haqaatti Daayreektoreetiin Damee Abbaa Alangaa Yakka Malaanmaltummaa himannaa baneera.

Hojjettaan kun Baankii Abiisiiniyaa Damee Askooti Ofiisara maamiltootaa yoo ta’uu, faayidaa dhuunfaa isaa argachuuf jecha lakkoofsa iccitii waahillan hojii isaa fayyadamuun Fulbaana 6, 2015 lakkoofsa Herreega Baankii maamiltoota lamaa irraa Birrii miiliyoona 7.3 nama biroof dabarsuu isaan himatameera.

Maamila Baankii Damee Ayaat kan taate Lakkoofsa Herreega Baankii Aadde Taqoowaamach Waldagiyoorgisirraa Birrii miiliyoona 3 fi kuma dhibba 2 fi kuma 51 gara Maamila biroo Obbo Abbabaa Mulaatuutti dabarsuu mirkanaa’eera jedhame.

Akkasumas Fulbaana 7, 2015 Maamila Baankichaa Damee Laga Harree kan ta’an lakkoofsa Herreega Baankii Aadde Fireewayinii Abbayirraa Birrii miiliyoona 4 fi kuma dhibba 1 gara maamila baankichaa biroo Obbo Saamii Geetaachootti dabarseera jedhame.

Abbaan Alangaa ragaa namaa fi Sanadootaa qindeeffachuun himata nama dhuunfaa kanarratti kan bane yoo ta’uu, Manni Murtii Olaanaa Federaalaa Dhaddachi Ramaddii Liddataa himatamaan himata irratti dhiyaateef Sadaasa 16,2015 deebii akka dhiyeeffata ajaja laateera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment