Hojjetaan baankii akkaawuntii maamiltootarraa Maallaqa gara Akkaawuntii ofiitti dabarse adabbii cimaa waggaa 14 adabame

Finfinnee,Mudde 3, 2017 (FMC) – Hojjetaan Baankii Abisiiniyaa akkaawuntii maamiltoota 16 irraa Birrii kuma 500 ol gara Akkaawuntii ofiitti dabarsuun himatame adabbii cimaa waggaa 14 fi maallaqaan adabamuu ibsame.

Manni Murtii Olaanaa Federaalaa Lidataa ramaddii 5ffaan Dhaddachi dhimmoota Yakka Malaammaltummaa oolmaa isaa har’aan adabbii cimaa kana murteessuu ibsameera.

Baankii Abisiiniyaa damee Shaggar Mannaafashaatti Ofiisara olaanaa Biiznasii ta’uun hojjetaa kan ture himatamaan kun qajeelfama baankichi baase darbuun yakka kana raawwachuun ibsameera.

Beekamtii maamiltoota baankichaan ala Waxabajjii 2, 2013 hanga Fulbaana 15, 2015tti yeroo adda addaatti Akkaawuntii maamiltoota 16 irraa Birrii kuma 500 fi kuma 92 fi 597 gara akkaawuntii dhuunfaa isaatti dabarsuun himatameera.

Manni murtichaa ragaa Abbaan Alangaa dhiyeesse qorachuun adabbii cimaa waggaa 14 fi adabbii maallaqaa kuma 40 akka adabamu itti murteesseera.

Taarik Addunyaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment