Finfinnee, Bitootessa 18, 2017 (FMC)- Hojimanni sirna itti fayyadama baajata mootummaa bu’a qabeessa taasisu hojiirra ooluuf ta’uu Ministeerri Maallaqaa beeksise.
Hojimaatichi maallaqa mootummaan kara adda addaan argatu bakka tokkotti walitti qabuuf kan dandeessisuu fi tajaajila barbaadameef akka oolu kan dandeessisu hojimaata ‘Akkaawuntii Qeenxee Tireezharii’ ta’uun ibsameera.
Kunis mootummaan hanga maallaqaa qabuu beekuuf kan dandeessisu akkasumas adeemsi qabiinsaafi bulchiinsa maallaqaa giddugala tokko akka ta’u kan deeggaruudha jedhame.
Ministir Deetaan Ministeera Maallaqaa Dooktar Iyyoob Takkaalinyi ,hojimaatichi sirna bulchiinsa faayinaansii ammayyaa kan uumu ta’uu ibsuun, hoji to’annoo bu’a qabeessa kan taasisu ta’uu himaniiru.
Maallaqa mootummaa lakkoofsa akkaawuntii garaagaraatti faca’e gara hojimaata tokkootti fiduuf ta’uu fi yeroo duraaf dhaabbiilee federaalaa Mootummaarratti hojiirra oola jedhan.
Hojimaatichi fuulduratti gara naannolee fi bulchiinsa magaalootaatti hojiirra kan oolu ta’uu hubachiisaniiru.
Hojiirra oolmaa sirnichaaf qaamoleen dhimmichi ilaallatu itti gaafatamummaa isaanii akka bahatan waamicha dhiyeessaniiru.
Salamoon Yittaayyewutu gabaase.