Hojileen qorannoon saayinsaawaan deeggaramuu dhabuun qabeenya itti fayyadamuurratti hanqina uumeera- Inj. Habtaamuu Ittafaa

Finfinnee, Hagayya 5, 2015 (FBC)- Waggoottan darban qabeenya bishaanii akka itti hinfayyadamne hojiileen dhiibaa uumaa turaan qorannoo saayinsaawaan akka deeggaramu taasisuu dhabuurraan kan ka’e ta’uu Ministirri Ministeera Bishaanii fi Inarjii Injiinar Habtaamuu Ittafaan dubbatan.

Fooramiin Kominikeeshinii fi Dippilomaasii Bishaanii 9ffaa mata duree “Kominikeeshinii Dippilomaasii Cimaa Misooma Qabeenya Bishaanii Waaraaf” jedhuun gaggeeffameera.

Injiinar Habtaamuun waltajjicharratti Ityoophiyaan, Hidha Haaromsaa ishee qofaa utuu hintaanee qabeenya bishaanii ishee biroo akka itti fayyadamtu hojiileen qindaa’aan dippilomaasii fi kominikeeshinii hojjetamuu qaba jedhan.

Ministeerichi waggoottan darban hanqinaalee jiran qorachaa turuu yaadachiisanii, fuuldurattis hojiileen bu’aa qabeessa taasisuu danda’an hojjetamuu kaasaniiru.

Fuulduratti dhaabbileen qorannoo, miidiyaalee fi dhimmoota biroo xiyyeeffannoon hojjetamuu akka qaban hubachiisaniiru.

Fooramicharratti ogeeyyiin damee garaagaraa, pireezidaantonni dhaabbilee barnoota olaanoo fi qaamoleen dhimmichi ilaallatu biroon hirmaachaa jiraachuun eerameera.

Taarikuu Laggasaatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment