Hojiiwwan misoomaa, demokiraasii fi nageenyaa cimee akka itti fufu Koreen Hojii Raawwachiiftuu Paartii Badhaadhinaa kallattii kaa’e

Finfinnee, Sadaasa 27, 2013 (FBC) – Hojiiwwan misoomaa, demokiraasii fi nageenyaa cimee akka itti fufu Koreen Hojii Raawwachiiftuu Paartii Badhaadhinaa kallattii kaa’eera.

Koreen Hojii Raawwachiiftuu Paartii Badhaadhinaa walga’ii idilee guyyoota 2f gaggeessa tureen dhimmoota waqtaawaa fi biyyaalessarratti mari’achuun xumuruu beeksiseera.

Ibsa Hogganaan Waajjira Olaanaa Paartii Badhaadhinaa obbo Binaalfi Aandu’aalam kennaniin, paartichi walga’ii gaggeesseen dhimmoota ijoo 3 irratti mari’achuu ibsaniiru.

Ajaandan isaas, haala waqtaawaa biyyaalessaa, dhimmoota biyyaalessaa fi idi addunyaa akkasumaas dhimma qophii fi kakaasii filannoo bara 2013 kan ilaalatudha.

Garee badiin ABUT raayyaa ittisa biyyaa kutaa kaaba Ityoophiyaa irratti raawwatee fi akkasumaas lammiilee nagaa Maaykaadiraatti raawwate garichi abdii kutachuu kan ibsu ta’uu walga’ichan gamaaggamameera.

Garee badii kana raawwate ariitiin seeratti dhiyaachuu akka qabu Koreen Hojii Raawwachiiftuu Paartii Badhaadhinaa kallatti kaa’eera.

Adeemsa olaantummaa seeraa kabachiisuun lammiilee miidhamanii fi qe’ee isaanirra buqqa’an deebisanii dhaabuu, bu’uuraalee misoomaa barbaadaa’an deebisanii ijaaruu, dhaabbileen taajaajila ummataa fi mootummaa laatan  ariitiin gara hojii idilee isaanitti akka galan kallattiin kaa’amuu beeksiseera.

Hojiiwwan misoomaa, demokiraasii fi nageenyaa bakkeewwan garagaraatti gaageeffama jiru cimee akka itti fufu Koreen Hojii Raawwachiiftuu Paartii Badhaadhinaa kallatti kaa’uu obbo Binaalfi ibsaniiru.

Dhimmoota biyyaaleessaan adeemsa sirna ijaarsa mootummaa keessatti yaadni finxaaleyyiin mul’achaa akka jiru ilaaleera.

Akkasummaas dhimmoota idil addunyaan ijaarsi hidha haaromsaa akka hin xumuramneef ajandaawwan tamsa’anirratti mari’ateera.

Filannoo ilaalchisuun filannoon 2013 nagaa, bilisaa, demokitraasii, ummata Ityoophiyaa birattis ta’ee hawaasa idil addunyaa birratti fudhatama akka argatu kallattii kaa’uu ibsaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment