Hojiiwwan karoora xiiqiin qabaman milkeessuuf xiyyeeffannoon hojjetamuu qaba-Dooktar Biqilaa Hurrisaa

Finfinnee, Onkololeessa 19, 2016 (FBC)- Hojiiwwan karoora xiiqiin qabaman milkeessuuf xiyyeeffannoon hojjetamuu akka qabu Itti Gaafatamaan Damee Siyaasaa Paartii Badhaadhinaa Dooktar Biqilaa Hurrisaa dubbatan.

Dooktar Biqilaan waltajjii qorannoo raawwii hojii paartii fi mootummaa kurmaana 1ffaa guyyoota 3’f Magaalaa Adaamaatti gaggeefamaa turee ilaalchisuun ibsa kennaniiru.

Dooktar Biqilaan, qorannoo kanaan ciminoota jiranii fi hanqinoota mul’atan adda baasuun kallattiin gara fuulduraa kaa’amuu himaniiru.

Hoggansi sadarkaan jiru tokkummaa fi waldeeggarsaan hojjechuun rakkoo hawaasaa furuuf ilaalchi jiru fooyyee qabaachuu, karoora bahe sadarkaa naannoo hanga gajjallaatti hojiirra oolchuuf qaamolee gargaagaran hirmaachisuu fi hanga nama dhuunfaatti karoora baafachuuf jalqabbiin gaariin jiraachuu ibsaniiru.

Oomishtummaa dabaluu keessatti oomishaalee inisheetiiviin hojjetamaa jiraniin fooyya’iinsi jiraachuun akka ciminaatti ka’uun eerame.

Karoora xiiqii hojiirra oolchuuf hanga barbaadame hojjetamuu dhabuu, hojii hanga sadarkaa gadiitti hordofuu fi deggeruu dhabuu, karoorri xiiqiin karoorfame xiiqiin hojiirra ooluu dhabuu, rakkoo bulchiinsa gaarii mul’atuun hojiin duguuganii raawwachuu dhabuu, hojii kan ofii godhatanii humnaa fi beekumsa qabaniin hojjechuu dhabuu, hooggansi rakkoo mudatuuf dafee furmaata kennuu dhabuu, hojii karooraan hojjechuu dhabuun hanqinoota mudatan ta’uu Dooktar Biqilaan ibsa isaaniin eeraniiru.

Hawaasa gurmeessuun hojii misoomaarratti bobbaasuu, seenessa obbolummaa sabdaneessummaa cimsuu, sirna barnootaa fooyyessuu, qulqullina barnootaa dabaluuf rakkoolee mudatanii jiran fooyyessuuf qindoominaan hojjechuuf kallattiin kaa’amuullee himaniiru.

Sirna bulchiinsa lafaa fooyyessuuf hojiilee hojjetamaniin, ijaarsa seeraan alaarratti tarkaanfii fudhachuu, lafa kaadesteraan bulchuu, weerara lafaa baadiyyaatti mul’atu ittisuu fa’aa ta’uu kaasaniiru.
Kenna tajaajilaa fooyyessuu, hojii qonnaa fi misooma baadiyyaaf xiyyeeffannoo kennuu waldaalee hojii gamtaa cimsuu murtessaa ta’uu himaniiru.

Dabalataan invastimantii fi Indaastirii godoo babal’isuun carraa hojii uumuu fi kanneen biroon kallattilee xiyyeeffannaan akka itti hojjetamaaniif kaa’aman ta’uu dubbataniiru.

Muluu Waaqshuumeetu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment