Hojiiwwan ijaarsa daandii Konkiriitii Aspaaltii Bishooftuu- Caffee Doonsaa- Sandaafaa gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Sadaasa 19, 2013 (FBC) – Ijaarsa daandii Konkiriitii Aspaaltii Bishooftuu- Caffee Doonsaa- Sandaafaaf hojiiwwan lafa qotuu fi oomishni ujummoo boo’ii lolaa gaggeeffamaa jiraachuu ibsame.

Daandiin kun kutaalee  Bahaa fi Kaaba biyyattii kan walqunnamsiisuudha.

Ijaarsi daandichaa baajataa Birrii miiliyoona dhibba 9 fi miiliyoona 41n kan gaggeeffamu yoo ta’u dhaabbata ijaarsaa Raamaa jedhamuun hojjetama.

Ijaarsi daandichaa Ministir deettaa Ministeera Geejjibaa obbo Kaasahuun Goofee dabalatee daayreekatara olaanaa Abbaa Taayitaa Daandiwwanii Ityoophiyaa Injiinar Habtaamuu Taganyii fi hoggansa olaanoo dhaabbatichaan daawwatameera.

Daandiin ijaarramaa jiru kun Kiiloo Meetira 55 dheerata jedhame.

Daandichi magaala aanaa keessatti Meetira 21.5, magaalaa gandaa keessatti  Meetira 12, baadiyyatti Meetira 10 kan bal’atu ta’uu ragaan Abbaa Taayitaa Daandiiwwanii Ityoophiyaarraa argame ni agarsiisa.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo

https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

Comments (0)
Add Comment