Hojiiwwan diippilomaasii cimsuun michummaa baayyisuun itti fufuu qaba – Koree Dhaabbii

Finfinnee, Amajjii 20, 2013 (FBC) –Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti Koreen Dhaabbii Hariiroo Alaa fi Dhimmoota Nageenyaa, Ministeera Dhimma Alaa wayita daawwatetti hojiin diippilomaasii cimee itti fufuu akka qabu gaafateera.
Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaan Makonniin raawwi karooraa baatii jahaa korichaaf ibseera.
Itti dabaluunis obbo Dammaqaan faayidaa Ityoophiyaa eegsisuuf sadarkaa idil addunyaa fi Afrikaatti hojiin diippilomaasii cimaan hojjetamaa jiraachuu hubachiisaniiru.
Walitti qabaan korichaa doktar Nagarii Leencoo waajjirri ministeerichaa hojiiwwan diippilomaasii eegalee cimsuun michummaa baayyisuu akka qabu gaafataniiru.
Qaamni walitti bu’insa akka furmaataatti fudhatu gara daandii nagaatti akka deebi’uu akkasumaas lammiin ijaarsa biyyaa irratti gahee mataa isaa akka bahatu yaadachiisaniiru.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment