Hojiiwwan deeggarsa nageenyaa fi tasgabbii Ityoophiyaa karaa balaarra hin buusneen raawwatamu qaba-Ministeera Dhimma Alaa

Finfinnee, Hagayya 20, 2013 (FBC)- Hojiiwwan deeggarsa nageenyaa fi tasgabbii Ityoophiyaa karaa balaarra hin buusneen raawwatamu akka qabu Ministeerri Dhimma Alaa beeksiseera.

Dubbi Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Diinaa Muftiin dhimmoota garagaraarratti ibsa laataniiru.

Kanaafis haala waqtaawaa Ityoophiyaa bu’ureeffachuun biyyattitti deeggarsa taasisaa kan jiraa dhaabbilee deeggartoota Itti Aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimmaa Alaa obbo Dammaqaa Makoonniin galateeffataniiru.

Dhaabbileen deeggartoota yaa’insaa deeggarsaa fi sakattoo fi tajaajilaa baankii, meeshaalee kominikeeshinii fi Viizaan walqabsiise komiisaanii dhiyeessuu kaasaniiru.

Dabalataanis dhaabbileen deeggartoota idil addunyaa gareen shororokeessaa ABUT hojii shiraasaa itti fufuun hojiiwwan deeggarsa dhiyeessiirratti gufuu ta’ee itti fufuu himuusaanii Dubbi Himichii himaniiru.

Gamaa Ityoophiyaatin lakkoofsa buufataaleen sakattoo hir’isuun ammayya’aa taasisuu tajaajilichaa aariifachisuuf akka hojjetaan dhaabbilee idil addunyaaf ibsameeraa jedhaniiru.

Hojiiwwan deeggarsaas karaa nageenyaa fi tasggabbii Ityoophiyaa balaarra hin buusnee raawwatamuu akka qabu akeekachisaniiru.

Mootummaan marii hunda galeessaa taasisuuf qophii ta’uus ibsichaan kaasaniiru.

Gama biraatin ammoo hidha haaromsaa guddichaa ilaalchisee biyyoonni yaa’aa oolii waliigaltee tumsaa akka maallateessaan Ityoophiyaan gaafateetti jedha Ambaasaaddar Diinaan.

Ibsichaan Saa’ud Arabiyaarra lammiilen kumni 1, Yamaaan irraa kumni 1 fi 200 gara biyyaa ni deebii’u jedhaniiru.

Torbe darbee lammiileen kumni 1 fi 665 Saa’ud Arabiyaarra kan deebi’aan yoo ta’u, haaluma walfakkatuun lammiileen kumni 1 fi 200 ammoo Yamaarra akka deebi’aniif qophiin xumurameera jedhan.

Wandasaan Araggaahaanyitu gabaase

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment