Hojiirra oolmaan karoora fuulduree jijjiiramaa dhaabbilee haqaa eegalame xiyyeeffannaan hojjetamuu qaba-Obbo Taaggasaa Caafoo

Finfinnee, Waxabajjii 3, 2015 (FBC)-Haqni, nageenyaaf, misoomaa waaraa fi ijaarsa sirna diimokiraasiif gahee murteessaa waan qabuuf hojiirra oolmaan karoora fuulduree jijjiirama dhaabbilee haqaa eegalame xiyyeeffannaan hojjetamuu akka qabu Afyaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Obbo Taaggasaa Caafoo himan.

Waltajjiin marii waloo baaftota seeraa biyyaalessaa 3ffaan Magaalaa Jigjigaatti gaggeeffamuu eegaleera.

Obbo Taaggasaan, waltajjicharratti, hariiroo mootummoota gidduu jiru murteessuuf bu’uura labsii ba’ee lakkoofsa 1231/2013’n hariiroo mootummaa federaalaa fi naannolee cimsuuf waltajjii baatiiwwan ja’aan gaggeeffamu ta’uu ibsaniiru.

Haqa mirkaneessuu fi cimsuuf dhaabbileen haqaa hojiirra oolmaa karoora fuulduree dhaabbilee haqaa eegalame xiyyeeffannan hojjechuu qabu jedhaniiru.

Haqni, nageenyaaf, misooma waaraaf, Siyaasaa fi ijaarsa sirna diimookiraasiif gahee murteessaa akka qabu himuu TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment