Hojiirra Oolmaan Imaammata Diinagdee Gooroo guddina biyyaalessa guutuu ta’e kan fidu ta’uu ibsame

Finfinnee, Adoolessa 30, 2016 (FBC) – Hojiirra Oolmaan Imaammata Diinagdee Gooroo guddina diinagdee biyyaalessa guutuu ta’e kan fidu ta’uu hoggantoonni olaanoon ibsan.

Guddina tasgabbaa’aa, guutuu fi itti fufiinsa qabu kan mirkaneessu ta’uu eeraniiru.

Adeemsi fooyyessichaa deeggarsa Maallaqa Baankii Addunyaa fi IMF dabalatee dhaabbilee deeggartootaa idil Addunyaa biroorraa argameen hojiirra kan oolu ta’uu Ministirri Ministeera Maallaqaa Obbo Ahimad Shiideen eeraniiru.

Imaammaanni Maallaqaa gabaan akka durfamu, idaa hir’isu, baasii fi galii mootummaa fooyyeessuun idaa hir’isuurratti faayidaa olaanaa qabaachuu kaasaniiru.

Sababa fooyyessa kanaan lammiilee miidhamoo ta’aniif daballiin mindaa fi deeggarsi kan taasiifamu ta’uu eeraniiru.

Sababa hanqina caaseffama hojmaataan Damee dhuunfaa dhiibamanii turan si’oomsuun hirmaannaa diinagdee keessatti qaban guddisuuf qooda qabaachuu Ministirri Ministeera Pilaanii fi Misoomaa Dooktar Fitsuma Asaffaan eeraniiru.

Jijjiirama biyyaalessaa as diinagdeen tasgabbaa’aa ta’e akka jiraatu hojiilee hedduun hojjetamuu Bulchaan Baankii Biyyaalessaa Maammoo Mihiratuun dubbataniiru.

Imammata Diinagdee Gooroo taasiifame karaa guutuun hojirra oolchuun Diinagdee Itiyoophiyaa tasgabbaa’aa, guutuu fi itti fufiinsa qabu galmeessuuf gahee olaanaa qabaachuu hoggantoonni kunneen kaasaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment