Hojiirra oolmaa waliigaltee nageenyaaf mootummaan kutannoo qaba- Obbo Dammaqaa Makonnin

Finfinne, Sadaasa 8,2015 (FBC)- Hojiirra oolmaa waliigaltee nageenyaa mootummaafi ABUT gidduutti mallatteeffameef mootummaan kutannoo qabaachuu Ittaanaan Muummee Ministiraafi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Makonnin ibsan.

Obbo Dammaqaa Makonnin Gaanfa Afrikaatti Ergamtuu Addaa Gamtaa Awurooppaa Dooktar Aneet Weebar waliin mari’ataniiru.

Mootummaan rakkoo kaaba biyyattii karaa nagaan furuuf fedhii qaburraa ka’uun waliigalteen nageenyaa akka mallatteeffamuuf xiyyeeffannoon hojjechaa turuu kaasuun, hojiirra oolmaa waliigaltee mallatteeffameef kutannoo qabaachuu eeraniiru.

Lammiilee bakkeewwan walitti bu’iinsi uumamee ture jiraniif deeggarsi namoomaa dhiyaachaa jiraachuu eeruun, hojiin tajaajila bu’uuraa eegalchiisuu cimee itti fufuu addeessaniiru.

Rakkoolee nageenyaa kutaa biyyattii garaagaraatti mul’atan furuuf mootummaan qaamolee dhimmamtootaa waliin marii siyaasaa kan gaggeessu ta’uufi waltajjii marii biyyaalessaan ajandaalee addaa addaarratti mariin kan taasifamu ta’uu eeraniiru.

Waliigalteen nageenyaa akka mallatteeffamuuf qaamolee deeggarsa taasisan galateeffachuun, yeroo ittaanutti boqonnaa hojiirra oolmaa waliigaltichaafi deebisanii dhaabuurratti qaamoleen deeggartootaa tumsa taasisan cimsanii akka itti fufan waamicha dhiyeessaniiru.

Dooktar Aneet Weebar gamasaaniin, waliigalteen mallatteeffame waliigaltee seena qabeessa ta’uu ibsuun dinqisiifataniiru.

Gamtaan Awurooppaa hojiirra oolmaa waliigaltichaafi hojii deebisanii dhaabuuf gahee isaa kan bahatu ta’uu ibsuusaanii ragaan Waajjira Dubbii Himaa Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment