Hojiirra oolmaa Waliigaltee Hammattoo Yaa’a Laga Naayil ummatotaa naannawichaaf abdii olaanadha-Dr. Inj. Hantaamuu Ittafaa

Finfinnee, Adoolessa 26, 2016 (FBC)- Ugaandaa Kaampaalaatti Yaa’iin Ministirootaa Biyyoota Yaa’a Laga Naayil 32ffaan gaggeeffamaa jira.

Waltajjicharratti Ministirri Ministeeraa Inarjii fi Bishaanii Dooktar Injiinar Habtaamuu Ittafaan, hojiirra oolmaa Waliigaltee Hammattoo Yaa’a Laga Naayil hordofee hundeeffama Koomishinii Laga Naayiliin ummatonni naannawichaa abdii olaanaa horachuu dubbatan.

Waggaa tokko keessatti waliigaltee hammattoo Walta’iinsaa Yaa’a Laga Naayiliin bu’aa jajjabeessan argame yeroo kamuu caalaa Komishiniin Ya’aa Lagaa Naayil hundeessuuf boqonnaa murteessarra ga’amuu dubbatan.

Manni marichaa Koree Teeknikaa Naayilii fi karooraa dhaabbatummaa Inisheetiivii Yaa’a Laga Naayil qopheessuuf kallattii akka kaa’u gaafataniiru.

Gama biraatiin Inisheetiivii Yaa’a Laga Naayiliif qabeenyaa walitti qabuurratti gufuulee fi hanqinaaleen akka jiran eeruun yaa’ichaan haalonni mijatoon jiran akka akeekaman amantaa qaban ibsuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Manni Maree Ministirootaa Biyyoota Yaa’a Laga Naayil 32ffaa maddiittis Yaa’iin Mana Maree Haroowwan Ikkuwaatooriyaalii Naayil 27ffaan gaggeeffamaa jiraachuun eeramera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment