Hojiirra oolmaa labsii eksaayz taaksii ilaalchisee oomishtoota biiraa waliin mariin gaggeeffame

Finfinnee, Gurraandhala 25, 2012 (FBC) – Hojiirra oolmaa labsii eksaayz taaksii haaraa ilaalchisee hanqina hubannoo uummame furuuf oomishtoota biiraa waliin mariin gaggeeffame.
 
Marichi Ministirri Ministeera Galiiwwanii aadde Adaanachi Abeebee fi Ministirri Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shiideen gaggeeffamuu isaatu himame.
 
Daballiin gatii fi hojjettoota hir’isuun dhaabbilee ajandaawwan marii kan turan yoo ta’u, gaaffiillee fi yaadoota oomishtoota biiraa biraa ka’eef deebii fi ibsi itti laattameera.
 
Gatiin Garbuu dabaluun daballii gatii biiraaf sababa ta’uu hirmaattoonni kunneen kaasaniiru.
 
Akkasumas beeksiifni biiraa dhorkamuu fi lakkoofsi fayyadamtootaa hir’achaa dhufuun gatiin biiraa akka dabalu sababa ta’ee jira jedhan oomishtoonni.
 
Ta’iiwwaan kunneen ragga’uu labsichaa dura waa ta’eef labsicha waliin hariiroo kan hin qabne ta’uu ibsameera.
 
Mootummaan fayyaa hawaasaa eeguuf tarkaanfii fudhate, labsii waliin dhimma walqabtu akka hin taane ibsameera.
 
Daballiin gatii oomishaleerratti taasiifame fooyya’iinsa eksaayz taaksiin kan wal hin ginne ta’uu Ministirri Ministeera Galiiwwanii aadde Adaanachi Abeebee ibsaniiru.
 
Qaamoolee seeraan ala daballii gatii taasisanirratti to’annoo fi hordoffiin barbaachisu ni godhama jedhan.
 
labsiin eksaayz taaksii Invastimantii kan jajjabeessu waan ta’eef rakkoolee mudatan furuuf waliin hojjechuun barbaachisaa ta’uu Ministirri Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shiideen dubbataniiru.
 
Daballii amma muul’ateef warshaaleen itti gaafatamummaa fudhachuu qabu jedhame.
 
Hojiirra oolmaa labsii eksaayz taaksi kanarratti hubannoo ga’aa uumuuf oomishtoota biroo waliin mariin itti fufa jedhameera.
 
Hojiirra oolmaa isaaf koreen to’annoo, hordoffii fi deeggarsaa dhaabbachuu ibsameera.
Comments (0)
Add Comment