Hojiirra oolmaa Imaammaata nageenya Saayibeeriif qooda fudhattoonni gahee isaanii akka bahatan gaafatame

Finfinnee Onkololeessa 12, 2017 (FBC)-Imaammaata nageenyaa Saayibeerii biyyaalessa hojiirra oolchuuf qooda fudhatoonni gahee isaanii bahachuu akka qaban gaafatame.

Bulchiinsi Nageenyaa Odeeffannoo baatii Nageenyaa Saayibarii 5ffaa sababeeffachuun mata duree ”Imaammata Nageenya Saayibarii Biyyaalessaa fi gahee qooda fudhatootaa” jedhuun waltajjii marii gageggeesseera.

Daarekatarri Olaantuu Bulchiinsa nagenyaa Odeeffannnoo Tigisti Hamdii maricharratti imaammanni Nageenyaa saayibarii nageenya bu’uuralee misoomaa mirkaneesuuf kan tumsu ta’uu himan.

Imaammaticha hojiirra oolchuun nageenya saayibarii biyyaa eeguuf qooda fudhatoonni gahee isaanii bahachuu qabu jedhaniiru.

Hojiirra oolmaa imaammaticharratti humna namaa gahumsuu fi qindoomina cimsuun akka barbaachisu eeraniiru.

Dijitaalazeeshiiii dhugoomsuu fi aggaammii haleellaa saayibarii dabalaa dhufe hiri’isuuf imaammata nageenya saayibarii biyyaalessaa qopheesuun barbaachisuu ibsuu Tajaajilli Oduu Itiyoophiyaa gabaaseera.

Imaammanni nageenya saayibarii biyyaaleessa bara 2016 Manni Maree Ministiroota ragga’uun hojiirra ooluun ni yaadatama.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment