Hojiirra Oolmaa Fooyyessa Imaammata Diinagdee Gooroon raawwii fooyyaa’aan galmaa’eera-Obbo Ahimad Shiidee

Finfinnee, Fulbaana 22, 2017 (FBC) – Baatiwwan laman darban Fooyyessi Imaammata Diinagdee Gooroo hojiirra Oole raawwii bu’aa gaarii galmeessuu Ministirri Ministeera Maallaqaa Obbo Ahimad Shiideen ibsan.

Raawwiin Fooyyeessi Diinagdee Gooroo baatiwwan laman darbanii Bakka Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad argamanitti gamaaggamameera.

Gamaaggamicharratti kan argaman Ministirri Ministeera Maallaqaa Obbo Ahimad Shiideen,raawwiin fooyyeessi Diinagdee Gooroo baatiwwan laman darbanii gadii fageenyaan gamaaggamamuu ibsaniiru.

Haaluma kanaan fooyyeessa Diinagdee hojiirraa ooleen, diinagdeen biyyaatti kara tasgabba’een akka itti fufu taasisuun,dhiibbaa hawaasummaa lammiileerraan qaqqabsiisu danda’u akkaataa hir’iseen ta’uu himaniiru.

Dhiheenya Ogeeyyiin Garee Dhaabbata Maallaqaa Addunyaa raawwii foyyeessichaarraatti gamaaggama taasisaniin,Foyyeessichi milkaa’inaan hojiiraa oolaa jiraachuu mirkaneessaniiru jedhan.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment