Hojiin xaa’oo bitame biyya alaarraa galchuu xumurame

Finfinnee, Hagayya 11, 2015 (FBC)-Bara oomishaa 2015/16’f xaa’oo alarraa bitame kuntaalaa miiliyoona 13 fi kuma 975 fi 520 gara biyyaatti geejjibsiisuun xumuramuu Koorporeeshiniin hojiilee Qonnaa Ityoophiyaa beeksise.

Koorporeeshinichi akka beeksisetti, dooniin xumuraa xaa’oo kuntaalaa kuma 500 feete Buufata Doonii Jibuutii qaqqabdeetti.

Xaa’oo buufataa doonii qaqqabee keessaa kuntaalli miiliyoonni 12 fi kuma 603 fi 895 yookaan %90.2 biyya keessatti geejjibsiifamuun qonnan bultootaaf raabasamaa jiraachuu ibseera.

Hojiin xaa’oon hafee gara biyya keessatti geejjibsiisuus cimee itti fufuu beeksisuu ragaan koorporeeshinicharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment