Hojiin Wabii nyaataa mirkaneessuu Itiyoophiyaan jijjiirama qabeenya qilleensaa qolachuun akka of dandeessu karra baneera – Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Hagayya 27, 2016 (FBC) – Hojiin Wabii nyaataa mirkaneessuu Itiyoophiyaan jijjiirama qabeenya qilleensaa qolachuun akka of dandeessu karra baneera jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.

Hojjichi biyyattiin of dandeessee akka dhaabbattu karra banuu Dooktar Abiy Ahimad fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin ergaa dabarsaniin eeraniiru.

Hojii Qonnaa Itti fufiinsa qabuun, Teeknooloojii Ammayyaa fi Hojii ijaarsa dandeettiin oomishtummaa guddisuu, sanyii filatamaa baay’isuu, akkasumas dhiyeessii nyaata madaallawaa fooyyessuu ni dandeessi jedhan.

#Oromia #Ethiopia

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment