Hojiin wabii midhaan nyaataa mirkaneessuuf hojjetamu cimee itti fufu – Obbo Musxafee Mahaammad

Finfinnee, Mudde 19, 2016 (FBC) –Hawaasa hirkatummaa jalaa baasuun wabii nyaataa mirkaneessuuf hojiin hojjetamu cimee kan itti fufu ta’uu Pireezidaantiin naannoo Somaalee Obbo Musxafee Mahaammad ibsaniiru.

Naannichitti sagantaan ce’umsa qonna ammayyeessuu qophaa’e Godina Shabalee Magaalaa Godeeyitti gaggeeffameera.

Pireezidaantii naannoo Somaalee Obbo Musxafee Mahaammad, Ministira Ministeera Qonnaa Dooktar Girmaa Amantee, Ministira Ministeera Jallisii fi naannawaa Gammoojjii Injinar Ayishaa Mahaammad dabalatee hoggantoonni mootummaa federaalaa fi naannichaa saganticharratti argamaniiru.

Jijjiirama as qonna ammayyeessuu fi Makaanaayizdii gochuuf hojiileen hedduun hojjetamuu Obbo Musxafeen ibsaniiru.

Naannichatti lafa jallisiin misoomuu danda’u hektaara miiliyoona 10 keessaa kumni 850 qofti misoomaa jiraachuu ibsaniiru.

Yeroo itti aanu qonna ammayyeessuun oomishtummaa dachaan dabaluun hawaasa eeggatummaa jalaa baasuuf xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta’uu himuu ragaan Kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment