Hojiin suphaa sarara elektirikaa Waldiyaa-Allaamaaxaa eegale

Finfinnee, Onkololeessa 14, 2015(FBC)- Hojiin suphaa sarara elektirikaa Waldiyaa-Allaamaaxaa abbaa Kiiloovooltii 230 sababa walitti bu’iinsa kaaba biyyattiin miidhaan irra gahee ture  eegaluu Humni Elektrikaa Ityoophiyaa beeksise.

Sararichi suphamuun magaalota Laallibalaafi Saqoxaa akkasumas bakkeewwan biroon godina Waaghimraa humna elektirikaa akka argatan kan taasisu jedhameera.

Waldiyaa buufata raabsaa Dooroo Gibirii hanga  buufata raabsaa Allaamaaxaatti sakattoo taasifameen iddoowwan 50 olirratti miidhaan kondaaktaraafi addaan cituu sararaa mudachuu ibsameera.

Bakkeewwan garee shororkeessaa ABUT jalaa bilisa ba’anitti tajaajila elektrikaa eegalchiisuuf hojiin qorannoorratti hundaa’e hojjetamaa jiraachuu Humni Elektrikaa Ityoophiyaa kanaan dura ibsuun isaa kan yaadatamudha.

Gareen shororkeessaa ABUT miidhaa bu’uuraalee misoomaa elektrikaarraan gaheen naannolee Tigraayiifi Amaaraa bakkeewwan tokko tokko hanga ammaatti humna elektirikaa osoo hin argatiin jiraachuu TOI gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment