Hojiin siiviilii Hidha Haaromsaa %88.5rra yoo ga’u, raawwiin proojaktichaa %75rra ga’eera

Finfinnee, Hagayyaa 7, 2012 (FBC) –Hojiin waliigalaa siiviilii Hidha Haaromsaa %88.5rra ga’uun, raawwiin proojaktichaa %75rra ga’uun ibsame.
 
Hoji gaggeessaa olaanaan hidhichaa Injiinar Kiflee Horroon, hojiin hidhichaa guutinsa bishaanii marsaa jalqabaatin booda karoora qabameen hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
 
Hidhichi bishaan kuufachuun raawwii waliigalaa ol guddisuus eeraniiru.
 
Haaluma kanaan hojiin siiviilii %88.5tti, hojiin elektiroo meekanaikaalaa %46tti, hojiin sibiilotaa ammoo %33tti ol guddateera jedhan.
 
Tarbaayinoota lamaan fayyadamuun waggaa dhuftu elektiriika maddisiisuuf bitaa mirgaan hojiin sibiilotaa fi dhaabbii jenereetaraa hojjetamuu eeraniiru.
 
Manni Maree Waajjira Qindeessaa Hirmaannaa Ummataa Ijaarsa Hidha Haaromsaa gama isaatin, guutinsa bishaanii marsaa jalqabaatin booda deeggarsi faaynaansii fi siyaataa dabaluu eerera.
 
Deeggarsi ummanni ijaarsichaaf taasise Birrii biiliyoona 13 darbuun ibsameera.
 
Guutinsa jalqabaatin booda ummanni Birrii miiliyoona 100 ol yeroo gabaabaatti laachuu ibseera.
 
Ityoophiyaanonnii fi dhalattoonni Ityoophiyaa biyyoota alaa jiraatan deeggarsa Doolaara Ameerikaa miiliyoona 46.7 laataniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
 
 
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment