Hojiin seenaa yaraa gara seenaa boonsaatti jijjiiruu Harargee Lixaatti agarre godinaalee birootiifis barnoota ta’uu qaba – Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Hagayya 11, 2016 (FBC) – Hojiin seenaa yaraa gara seenaa boonsaatti jijjiiruu Harargee Lixaatti argame godinaalee birootiifis barnoota ta’uu akka qabu Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Otomiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan hubachiisan.

Pireezidaanti Shimallis daawwannaa har’a Godina Lixaatti taasisan ilaalchisee ergaa dabarsaniiru.

Guutuun ergaa isaanii haala armaan gadiin dhiyaatera.

Imala keenya itti fufuun har’a Harargeetti argamna. Ummata keenya Godina Harargee Lixaa gidduutti argamuun yaadaafi gaaffii isaa itti dhiyeenyaan qalbeeffanneerra. Akkasumas meeshaa misoomaa keenya kan ta’an inisheetivootaafi pirojektoota jiran qalbiidhaan dawwannee jirra.

Haaluma kanaan aanaalee Odaa Bultum, Mi’eessoo, Gumbii Bordoddee akkasumas magaalaa Baddeessaa keessa naanna’uun Hidha Finnaa, Warshaa Maarbilii Burqaa, Horsiisa Beeyladaa, Warshaa Qindeessa Nyaata Beeyladaa Uniyeenii Qonnaan Bultootaa, Giddugala Gabaa Jimaa akkasumas kilaastara boqqoolloo ilaallee jirra.

Ummanni Godina Harargee Lixaa waa hunda osoo qabuu akkaataa itti hogganameefi mancaatii qabeenya umaamaa irraa kan ka’e hiyyummaafi baqattummaaf saxilamee turuun isaa ni yaadatam. Kuni akka malee nama gaddisiisa.

Ummanni rakkoo dandamachuun beekkamu kun hojii eegumsaafi kunuunsa qabeenya uumamaa gannaa-bona raawwateen seenaa yaraa sana jijjiiruun Harargee Lixaa lafa itti baqatan taasisuu danda’eera. Hojii boonsaa kanaaf ummata Harargee Lixaa maqaa kiyyaafi maqaa Mootummaa Nannoo Oromiyaatiin galateeffachuun barbaada.

Mootummaan keenyas yeroo ammaa rakkoo ummata keenyaa adda baasee furmaata isaarratti hojjechaa jira. Haaluma kanaan rakkoo bishaanii jiru hiikuuf pirojeektota Finnaa hedduu xumuraa jira.

Godinichi dachee leecalloo hedduun guutame waan ta’eef, milkaa’ina hojii qonnaa irratti argate albuuda irratti akka dabalu jalqabbiif akka ta’u Warshaa Maarbilii Burqaa Aanaa Mi’eessotti kan banne yoota’u, fuldurattis cimsee kan itti fufu ta’a.

Dhumarrattis hojiin seenaa yaraa gara seenaa boonsaatti jijjiiruu Harargee Lixaatti agarre godinaalee birootiifis barnoota guddaa akka ta’u yaadachiisuun barbaada.

#Oromia #Ethiopia

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment