Finfinnee, Muddee 19, 2014 (FBC)- Hojiin rakkoo humna ibsaa magaalaa Hararii fi naannawaa ishee furu eegalamuu Humna Elektirikaa Ityoophiyaatti Oppireeshiniin daddabarsa sarara fi buufataalee raabsaa damee Bahaa beeksise.
Waggoottan lamman darbanitti magaalaan Hararii fi naannawaan ishee hanqina humna elektirikaa hamaaf saaxilamuu fi rakkocha hiikuuf Humna Elektirika Ityoophiyaan tattaaffii cimaan taasifamaa turuu daayrekaterri damichaa obbo Gaashaawu Indiriyaas ibsaniiru.
Sababni hanqina humna elektrikaa uumes traanisfoormeriiwwan humnaa ol humna elektirikaa baachuu ta’uu kaasaniiru.
Rakkoo kana furuuf baasii guddaadhaan traanisfoormariin abbaa meegaa vooltii 50 bitamee buufate raabsaa Harar Lakkoofsa 3 jiraachuu himaniiru.
Tiraanisfoormariin kun guyyoota sadan dhufanitti kan dhaabbatuu fi wayita xumuramu magaalota naannoo Harar dabalatee hanqina humna elektirikaa magaalota godina Harargee Bahaa kanneen akka Awwadaay fi Kombolchaa kan hambisu ta’uu ibsaniiru.
Dhaabbiin tiraanisfoormerii kanaa yeroon akka xumuramuuf qaamolee hooggansaa dhimmi isaa ilaallatuu fi hawaasni ga’ee isaa akka ba’atu waamicha dhiyeessaniiru.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.