Hojiin Qonnaan bultoonni oomisha isaanii kallattiin fayyadamtootaaf dhiyeessuu itti fufe

Finfinnee, Sadaasa 4, 2014 (FBC) – Yuuniyeenoonnii fi waldaaleen hojii gamtaa qonnaan bultootaa  Oromiyaa Oomisha isaanii kallattiin gabaa Finfinneettiif dhiheessuusaanitiin fayyadamoo ta’aa jirra jedhan jiraattoonni Magaalaa Finfinnee.

Sagantaa ‘Oro-fresh’ jedhuun walitti hidhamiinsa gabaa uumuufi gabaa tasgabbeesuu torbee darbee Finfinneetti eegalee, har’as Yuuniyeenonni oomishaalee garagaraa fayyadamtootaaf kallattiin dhiheessaa jiru.

Torbee darbee magaalaa Finfinnee naannawwa addabaabayii ‘Saarbeetitti’ oomishni qonnaan bulaa kallattiin fayyadamtootaaf dhihaachuu eegalee har’a markaatooti fi Jamootti  dabalatee dhihaachaa jira.

Oomishaalee qulqullina qabanii fi gatii madalawaan kanneen akka Xaaffii, Kuduraafi muduraa, Daakuu warshaalee qonnaan bultootaatti qophaa’an, Dhadhaa, Dammafi Oomishaaleen kannen biroo dhihaachaa jiru.

Giddugaltummaa faddaaltotaan malee kallattiin dhihaachuun isaa ammo oomishni osoo jiruu akka hanqinni jiruutti rakkoo uumamaa tureefi gatii hin mallee kaffalaa turree nuuf oolchaa jira jedhan jiraattoonni magaalaa Finfiinnee.

Hoggantuun eejansii babal’ina waldaalee hojii gamtaa Oromiyaa aaddee Masarat Asaffaa FBC’f yaada kennaniin, gabaa tasgabbeessuuf dhiheessii oomishaa kallattiin shamatoota biraan ga’uun itti fufa jedhan.

Oromiyaa keessaa qonnan bultootni gurmiin oomisha isaanirra caalmatti fayyadamoo akka tahaniif Yuuniyeenoota 120, waldaalee bu’uuraa kuma 20 jalatti qonnaan bultootni miiliyoona 8.5 gurmaa’uun  kaappitaalaa  birrii biliyoona 9.7 sochoosuun diinagdee keessatti qooda fudhachaa jiru.

Raggaasaa Firoomsaatu gabaase.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment