Hojiin proojaktii holqawwan daandii baabura Awaash Waldiyaarratti argamu xumurame

Finfinnee, Onkololeessa 23, 2013 (FBC) – Hojiin proojaktii daandii baabura Awaash Waldiyaarratti kan argaman holqawwan 12n guutummaa guutuutti xumuramuun tajaajilaaf qophii ta’uu ibsameera.

Holqawwan kunneen walumaa galatti kiilo meetiira 10 ol dheeratu jedhameera.

Holqi Waldiyaa fi naannoo Wallootti argamu kiilo meetira 2.3 dheerata.

Hojiin ijaarsa proojaktiichas %91.88 ga’uu ragaan Ministeera Geejjibaarraa arganne ni muul’dhisa.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Comments (0)
Add Comment