Hojiin olaantummaa seeraa kabachiisuu gaggeeffame naannichi sochii misoomaatti akka fuulleffatu taasiseera jedhame

Finfinnee, Mudde 12, 2016 (FBC)- Naannoo Amaaraatti hojiilee olaantummaa seeraa kabachiisuu fi deebisanii gurmeessuu gaggeeffameen naannichi sochii misoomaa qabatamaatti akka fuulleffatu taasiseera jedhame.

Ajaajaan Qajeelcha Waliigalaa Labsii Yeroo Arifachiisaa raawwii baatiiwwan shanaan darbanii gamaaggamuun kallattiiwwan furmaataa kaa’eera.

Sadarkaa Pireezidaantii Ittaanaatti Qindeessan Kilaastara Dhimmoota Bulchiinsaa fi Hogganaan Biiroo Nageenyaa Naannichaa Obbo Dassalanyi Xaasawuu, Raayyaan Ittisa Biyyaa fi ummanni qindoominaan hojiilee hojjetaniin naannichi gara sochii idileetti deebi’uu ibsaniiru.

Yeroo ammaas nageenyi naannichaa daran fooyya’uu ibsanii, qormaanni naannicha fuulleffatee tures furamuu fi caasaa nageenyaa naannichaa irraa deebiin gurmeessuun gara ergama guutuutti galchuun akka danda’ame dubbataniiru.

Dargaggoota burjaaja’uun garee fiinxaaleyyii faana hiriiran gara daandii sirriitti deebisuun mootummaa cina ta’uun hojii nageenyaa mirkaneessuu irratti kan argaman ta’uu himaniiru.

Itti Gaafatamaa Waajjiraa Paartii Badhaadhinaa Damee Naannoo Amaaraa Obbo Yirgaa Siisaay, baatiiwwan shanan darban dameewwan 2’n hawaasa naannichaa miiliyoona 2 ol waliin mariin gaggeeffamuu ibsaniiru.

Hojiileen misoomaa naannichaatti gaggeeffamaa jiraachuu eeruunis, gaaffileen ummataa deebii hatattamaa barbaadanis sadarkaa sadarkaan furamaa jiru jedhan.

Ajaajaan, Ajaja Bahaa Letenaal Jeneraal Mahaammad Tasammaa gama isaaniin, garee fiinxaaleyyii Naannoo Amaaraarratti hojiilee olaantummaa seeraa kabachiisuu gaggeeffamaniin garicha dadhabsiisuun akka danda’ame kaasaniiru.

Ummanni nannichaas Raayyaa Ittisa Biyyaa cinaa ta’uun hojiilee olaantummaa seeraa kabachiisuu gaggeefaman deeggaraa jiraachuu himaniiru.

Dargaggaoota garee fiinxaaleyyiitti makaman deebisuurratti akka argamanis dubbachuu TOI gabaaseera.

Ajajni Qajeelcha Waliigalaa Labsii Yeroo Ariifachiisaas, labsiin yeroo ariifachiisaa xumuramuun dura yeroo hafe keessatti hojiilee hafaan xumuruuf hojjetamuu akka qabu kallattiin kaa’eera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment