Hojiin namoota seenaa imalaa qaban barbaaduu hojjetamaa jira – Dooktar Liyaa

Finfinnee, Eebila 4, 2012 (FBC) – Hojiin lammiilee seenaa imalaa qaban barbaaduun gara dhaabbilee fayyaatti fiduu hojjetamaa jiraachuu Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan ibsaniiru.
 
Dooktar Liyaan Ityoophiyaatti vaayrasii koroonaaf deebii laachuu ilaalchisee gaaffiilee kuma 2 fi 500 fuulawwan marsariitiin dhiyaataniif karaa Fuula Feesbuukii isaanii ibsa laataniiru.
 
Erga vaayrasiin koroonaa addaunyaarratti muul’achuun isaa dhaga’amee vaayrasicha ittisuuf hojiileen qophii duraa hojjetamaa ture jedhan Dooktar Liyaan.
 
Keessattuu vaayrasicha qolachuuf dhimma ijoo kan ta’e hojiin hubannoo uumuu qaamoolee dhimmi ilaallatu waliin xiyyeeffaannoon hojjetamaa tureera jedhan.
Yeroo ammaas Finfinnee dabalatee naannooleetti hojiin hubannoo uumuu mana manarraa ogeeyyii ekisteenshinii fayyaan kennamaa jiraachuu Dooktar Liyaan kaasaniiru.
 
Odeeffannoo vaayrasii koroonaan walqabatu afaanoota garaagaraa fi mallattoon bal’inaan dhiyeessuuf qophiin xumuramuu Dooktar Liyaan ibsa isaaniin eeraniiru.
 
Buufata Raadiyoo hawaasaa 49n hojiin hubannoo uumuu hojjetamaa akka jirus himaniiru.
 
Dooktar Liyaan namoota dhibee kanaan qabaman looguun barbaachisaa akka hin taane himuun, hawaasni of eeggannoon namoota kanneeniif kunuunsa barbaachisu gochuu qabu jedhan.
 
Yeroo baayy’ee teessoon namoota vaayrasi koroonaan qabamanii osoo ifoomee gaaffiin jedhu ka’us, ragaa fi odeeffannoo dhukkubsattootaa ifoomsuun namuusa yaalaa miti jedhan.
 
Ogeeyyiin yaalaa fayyummaa isaanii eeguun tajaajila barbaachisu akka laataniif hojiin dhiyeessii barbaachisu guutuu hojjetamaa jiraachuu Ministirri Ministeera Fayyaa FDRI Dooktar Liyaan himaniiru.
 
Ogeeyyii kanneeniif mana jireenyaa, leenjii, tajaajila geejjibaa fi uffata yaalaaf barbaachisan guutuuf xiyyeeffannoo addaan hojjetamaa akka jiru eeraniiru.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment