Hojiin Nageenyaa hojii qindoomina fi kutannoo barbaadudha – Komishinar Araarsaa Mardaasaa

Finfinnee, Eebla 2, 2015 (FBC) – Hojiin Nageenyaa hojii qindoomina olaanaa fi kutannoo cimaa barbaadu ta’uu Hogganaan Biiroo Bulchiinsaafi Nageenya Oromiyaa Komishinar Araarsaa Mardaasaan ibsan.

Sadarkaa Itti Aanaa Pireezidaantiitti Qindeessan kilaastara Nagaa fi Haqaa Oromiyaa Komishiinar Jeneraal Kaffiyaaloo Tafarraan bu’aa hojii gama nageenyatiin hanga ammaatti argameef caasaalee nageenyaa sadarkaan jiran galateeffataniiru.

Hojiin nageenya mirkaneessuu qaama tokko qofaaf kan dhiifamu osoo hin taane hojii qindoominaa fi hirmaannaa hawaasa hundaa barbaadu ta’uusaa ibsanii jiru.

Walharkaa fuudhinsi hojii Hogganaa duraanii Biiroo Bulchiinsafi Nageenyaa Oromiyaa Komishiinar Jeneraal Kaffiyaaloo Tafarraa fi Hogganaa haaraa biirichaa Komishiinar Araarsaa Mardaasaa bakka Itti aantonnii fi Daayrektaroonni hojii biirichaa argamanitti gaggeeffamuu ragaan Biiricharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment